Fana: At a Speed of Life!

Imaltoonni gara Ityoophiyaa dhufan marti tursa addaa galuu eegalan

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Har’aa kaasee imaltoonni gara Ityoophiyaa dhufan marti guyyoota 14f tursa addaa galuu eegalaniiru.

Hojiin kunis har’a Wiixata Bitootessa 14,2012 eegalee hojiirra oolaa jira..

Imaltoonni kanneen Hoteela Skaay Laayitii fi Hoteela Giyoonitti torbee lamaaf tursa kan galan ta’uu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksisuun ni yaadatama.

Turtichis baasii imaltootatiin kan uwwifamu ta’a.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee torbee lamaanif baasii isaanii hin dandeenyef, baasii barbaachisaa mara kan danda’u ta’uu beeksiseera.

Diippiloomaatonni ammoo imbaasota biyyoota isaaniitti adda ba’umsa turu.

Imaltoonni tiraanziitiis amma imala isaanii itti aanutti Hoteela Skaay Laayit turu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.