Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee ala turanii dhufanii fi tursa addaatif baasii ofii hin dandeenyef bulchiinsi magaalichaa ni uwwisa – Injiijar Taakkalaa

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Lammiileen dhimmoota addaddaaf ala turanii gara biyyaa deebi’an hawaasatti makamuu isaanitiin dura torbee lamaaf adda ba’anii iddoon itti dabarsan qophaa’era.

Iti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan akka beeksisanitti, lammiilee torbee lamaanif baasii isaanii hin dandeenyef bulchiinsi magaalichaa baasii barbaachisaa mara ni danda’a jedhaniiru.

Adda ba’umsi torbee lamaas har’aa kaasee imaltoota gara Ityoophiyaa dhufan mara irratti hojiirra ni oola jedhameera.

Hojiin kunis har’a Wiixata Bitootessa 14 eegalee hojiirra kan oolu ta’a.

Imaltoonni kanneen Hoteela Skaay Laayitii fi Hoteela Giyoonitti torbee lamaaf tursa kan galan ta’uu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksisuun ni yaadatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.