Fana: At a Speed of Life!

Haala Yeroorratti ibsa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarraa kenname

Finfinnee, Bitooteessa 28, 2015 (FBC)- Haala yeroo biyyattii ilaalchisuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaan ibsa kenneera.

Haaluma kanaan Birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaa biyyattii eegsisuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa hunda galeessaa cimaa tokko ijaaruuf kallattii kaa’eera.

Bu’uuruma kanaan humnoota addaa tokkoon tokkoon naannolee gara caasaa nageenyaa akka seenaniif sochii qabatamaa gaggeesuu eegaluu ibseera.

Miseensota humna addaa naannolee akka filannoo fi fedhiii isaaniitti Raayyaa Ittisaatti, Poolisii Federaalaatti yookaan miseensummaan Poolisii naannoleetti makamuu danda’u.

Yaada kanarratti hoggantoota fi miseensota humna addaa waliin waliigalteerra ga’ameera.

Kanaan duraa hoggantoota naannoleen qorannoo gaggeeffameen bu’aa argame garaagarummaa tokko malee waliigalteerra ga’ameera.

Hojiileen kunneen akka hojiirra oolan ummanni gaafachaa tureera.

Kana hordofees sochii qabatamaan eegalameera.

Humnoota addaa naannolee caasaa nageenyaa keessa galchuuf murteessuu fi hojiirra oolmaa isaa qorannoorratti hundaa’uun kan gaggeeffamuudha.

Adeemsi kunis dandeettii diinagdee keenya walitti qabuun raayyaa keenyaaf, leenjii, hidhannoo fi haala jireenyaa fooyyessuuf faayidaa olaanaa qaba.

Kan hubachuunis naannolee hundaatti marii fi waliigalteen adeemsicha gaggeeffamaa jira.

Ta’us, kutaa humna addaa Naannoo Amaaraa muraasa keessatti, gama tokkoon hojii deebisanii gurmeessuu fi kaayyoo isaa utuu hinhubatiin, gama biraatiin afarsitoonni ajandaa badiisaa ta’e jedhanii oduu sobaa afarsaniin harkifamanii adeemsicha gochaaleen jeeqan mul’ataniiru.

Ajandaawwan sobaa afarfaman keessaa, hojiin deebisanii gurmeessuu Naannoo Amaaraa qofaatti gaggeeffamaa jira, ABUT utuu hidhannoo hinhiikkatin akkamiin Humni adda naannichaa hidhannoo hiikkata kanneen jedhanii fi kan biroo fa’a.

Ajandaaleen kunneen humnoota adeemsichi akka gufatu barbaadaniin kan afarfamaa jiraniidha.

Sagantaan miseensota humna addaa gara caasaa nageenyaa birootti makuu guutuummaa biyyattiitti hojiirra kan ooluudha.

Hojichis yeroo walfakkaataatti naannolee hundaatti gaggeeffamaa jira.

Adeemsichas mootummaan qorannoo, karooraa fi eegannoon hogganaa jira.

ABUT adeemsi hidhannoo hiikkachuu bu’uura waliigaltee mallatteeffameen kan hojiirra oolu malee, karooraa biyyaalessaa biroo waliin kan faallessuu fi kan qindoomus miti.

Kaayyoon adeemsichaa humna addaa kamuu hidhannoo hiikkachiisuu miti.

Humni addaa hidhannoo isaa qabatee akkasumas dandeettii fooyya’aan uumameefii filannoo isaan poolisii naannoo, poolisii federaalaa yookaan Raayyaa Ittisa Biyyaatti akka makaman taaisuudha.

Adeemsa kanaan kanneen hammatamuu hinfeene mirgi isaa eegamee fi jireenya idilee akka gaggeeffatan mootummaan hojii dhaabuu barbaachisaa hojjeta.

Akka Dhaabbatanis deeggarsa akka taasisu beeksisa.

Humnoota addaa naannolee hojii deebisanii gurmeessuu murtee mootummaan faayidaa fi tika biyyaaf murteesse waan ta’eef itti gaafatama isaa eeggannoo olaanaan bahatan.

Kanaaf odeeffannoowwan dogoggorsaa kanneen tamsaasan afarsitoota ajandaarraa fagaachuun, ummanni hundi akkasumas hoggantoonnii fi miseensonni humna addaa naannolee milkaa’ina sagantichaaf akka hirmaatan mootummaan ni hubachiisa.

Bitooteessa 28, 2015

Finfinnee

Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.