Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Hidhaa Haaromsaa xumuruuf irree tokkoon ni hojjennaa – MM Dooktar Abiy

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad jiraattoota godina Daawuroo waliin dhimmoota garaagararratti mari’ataniiru.
 
Ijaarsa hidha haaromsaa irree tokkoomeen xumurun madda aanniisaa Ityoophiyaarra darbee ollaaf oolu akka ta’uuf ni hojjenna jedhan Dooktar Abiy.
 
Yeroo ammaa garaagarummaa tokko malee irree tokkoomeen hidha haaromsaa xumurun jaalala biyyaaf qabni agarsiisuun barbaachisaadha jedhan.
 
Hirmaattoonni marichaas hojiilee hoggansa Muummee Ministiraan hojjetamaa jiru dinqisiifataniiru.
 
Keessattuu hirmaattoonni dubartootaa yeroo ammaatti hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojii hojjetamaa jiru galateefataniiru.
 
Jiraattoonni kunneen naannichaatti hanqinoota dhiyyeessa bishaan dhugaatii qulqulluu, bu’uraalee misoomaa, bulchiinsa gaarii fi proojaktoonni eegalamanii osoo hin xumuramani hafan furmaata waaraa argachuu akka qaban gaafataniiru.
 
Hambaalee,duudhaalee fi aadaa godinichaaf beekkamtii laachuun madda indaastirii carraa hojii taasisuuf hojjetamuu akka qabu gaaffilee dhiyeessaniiru.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy rakkoolee fi gaaffilee jiraattoonni kaasaniif furmaata waaraa laachuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Muummee Ministiraarra argame ni muul’isa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.