Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Putiin gita isaanii Turkii Eerdoohaan waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 2, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gita isaanii Turkii Reesiip Xaayib Eerdoohaan waliin dhimmoota hariiroo waloorratti bilbilaan mari’ataniiru.

Dhimmoota naannawaa, dhiyeessii humnaa, midhaan nyaataa fi haala shororkeessitoota qolachuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.

Hanga ammaatti hojii deeggarsa dhiyeessuu waloon hojjetameen karaa Koriidarii daddabarsaa Turkiin midhaan Toonii miiliyoona 13 ol qaamolee deeggarsa barbaadaniif dhiyeessuun danda’amuu Pireezidaantiin Turkii Reesiip Xaayib Eerdoohaan ibsaniiru.

Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen saffisaan xumura akka argatu Pireezidaanti Eerdohaan hawwuu isaanii ragaan Waajjira Pireezidaantii Turkiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.