Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan jalqabsiisa hojiirra oolmaa Piroojektii Paarkiiwwan Indaastirii Qindeessa Qonnaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2015(FBC)- Sagantaan jalqabsiisa Piroojektii hojiirra oolmaa Qindeessa Qonnaa Paarkiiwwan Indaastirii gaggeeffamuu ibsame.

Saganticharratti hoggantoonni olaanoon mootummaafi

Piroojektichi akka bara warra faranjootaa Mudde 2022 hanga 2025 kan turu ta’uu eerameera.

Piroojektichi misooma sektara qindeessa qonnaa,paarkiiwwan qindaawoo qonnaa arfaniif deeggarsa taasisuuf, nageenya nyaataafi ijaarsa dandeettii akkasumas kutaawwan baadiyyaa biyyattiitti carraa hojiifi diinagdee fooyya’aa uumuuf kan kaayyeffate ta’uu Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Misooma Indaastirii Oomishaalee Milkeessaa Jaagamaan ibsaniiru.

Piroojektichi bara warra faranjootaa Mudde 2021 Mootummaa Ityoophiyaafi Dhaabbata Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gidduutti kan mallatteeffame yoo ta’u, baajanni waliigalaa piroojektichaa Yuuroo miiliyoona 2.065 ta’uu eerameera.

Kaayyoon piroojektichaa dorgomtummaa paarkiiwwan kanneenii guddisuuf ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.