Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015(FBC)- Yaalli fayyaa mala aadaa sadarkaa idil addunyaatti yaala fayyaa ammayyaaf bu’uura jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan.

Guyyaa har’aa aanaa addaa Yam gaara Booraa irratti sagantaa  qoricha aadaa walitti qabuu gaggeeffameera.

Uummanni Ityoophiyaa %80 bara jireenya isaa keessatti si’a tokko  qoricha aadaa akka fayyadamu qorannoon kan ibsu ta’uu Dooktar Liyaan eeraniiru.

Ministeerri fayyaas karoora tarsiimawaa isaa keessatti beekumsa qorichaa biyya keessaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuu dubbataniiru.

Akkaataan sabni Yam qorichoota aadaa walitti qabu faayidaa diinagdee dabalataan hawwata tuurizimii ta’uu kan danda’u ta’uu kan ibsan ammoo Pireezidaantii naannoo Uummattoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawu.

Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaan gamasaaniin, Ministeerichi gurmaa’iinsa duudhaalee biyyaalessaafi beekumsa biyya keessaa qoratuufi beeksisu hundeessuun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Tamasgeen Allabbaachootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.