Fana: At a Speed of Life!

Tapha Seekaafaan Sudaan Kibbaa Walakkaa xumuraaf dabarte

Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Tapha Kubbaa miilaa Giddu galaa fi Baha Afrikaa umrii waggaa 17 gadii qopheessummaa Ityoophiyaan gaggeeffammaa jiruun Sudaan Kibbaa walakkaa xumuraaf darbuu mirkaneeffatte.

Tapha guyyaa 7ffaa isaa qabate kanaan har’a taphoonni rammaddii xumuraa gaggeeffamaniiru.

Taphni Sudaan Kibbaa fi Burrundii gidduutti har’a waaree booda Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffamee goolii 1 qixa xumurameera.

Kana hordofee Sudaan Kibbaa Ugaandaatti aanuun tapha walakkaa xumuraaf darbuu mirkaneeffatteerti.

Ramaddii 1ffaarraa Taanzaaniyaan goolii 2 fi 1 Somaaliyaa injifattus biyyoonni lamaan walakkaa xumuraaf darbaniiru.

Tapha walakkaa xumuraan Ugaadaan Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa Taanzaaniyaa waliin taphatu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.