Fana: At a Speed of Life!

Piriimayeer Liigii Ingilaandiin har’a Beellamni Arseenaalii fi Liveerpuul ni eegama

Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Taphoota Piriimeerliigii Ingilaandi torbee10ffaan taphni har’a Arseenaalii fi Liveerpuul gidduutti gaggeeffamu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Kilabni Jargeen Kiloop Liveerpuul Arseenaal kilaba Mikeel Arteettaan kan keessummeeffamu yoo tahu, gahumsa bara kana argarsiisaa jiruun tilmaama Arseenaaliin qoramuu danda’aa argateera.

Leenjisaa isaa Arteettaa jalatti 2ffaa dhalachaa kan jiru Arseenaal taphattoota reefuu miira kubbaa miilaan addunyaa dhuunfachuu eegalan hiriirsuun imala ajaa’ibaarra jira.

Taphoota liigichaa 8 keessaa 7 kan injifate Arseenaal har’as tilmaama injifannoon argateera.

Gama biraan Liveerpuul taphoota 7 keessaa 2 injifatee 4 qixa bahe 1 injifatamuun har’a qorumsa ture dagachuuf gara dirree seena.

Taphni cimaa torbee 10ffaa pirimeerliigii Ingilaandi Arseenaaliifi Liverpuul gidduutti gaggeeffamu galgala sa’a 12:30tti dirrree Arseenaalirratti taphatama.

Iddooosaa Abdiitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.