Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC) – Dargaggoonni guutuu biyyattiirraa walitti babba’an kumni 1 fi 200 ol magaalaa Finfinneetti hojiilee misoomaa daawwataa jiru.
Dargaggoonni kunneen Mana Kitaa Abrihoot, Godaambaa Saayinsii, Paarkii Tokkummaa, Paarkii Michummaa fi tajaajila Paarkiingiin Masaraa Mootummaa daawwachaa jiru jedhame.
Akkasumas dhaabbilee bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Federaalaa naanna’uun daawwataniiru.
Daawwannichi hojiilee akka biyyatti raawwatamaa jiranirratti hubannoo uumuuf kan gargaaruu ta’uu kaasaniiru.
Daawwannaan dargaggoota biyyaalessaa kun guyyoota sadiif kan gaggeeffamu yoo ta’u, Hagayya 15, 2014 xumura argata jedhame.
Daawwannaan kun marii mata duree ‘bara dargaggummaa koo’ jedhuun naannolee hundatti gaggeeffamaa ture sadarkaa biyyaalessaatti golobuuf ta’uu ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.