Fana: At a Speed of Life!

Aadde Hiruut Zammanaan Cheen Shiyaadoonag waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Hiruut Zammanaan gargaaraa ministira Ministeera  Dhimmaa Alaa Chaayinaa Cheen Shiyaadoonag waliin mari’atan.

Aadde Hiruutii fi misteer Cheen Shiyaadoonag dhimmoota waloo biyyoota lamaanii fi idila addunyaa irratti mari’ataniiru.

Hariiroon Ityoophiyaa fi Chaayinaa waggoottan 50 ol kan lakkoofsise yoo ta’u, caalmaatti cimsuuf yeroo ammaa hojjetamaa jiraachuu aadde Hiruut dubbataniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii seenaa qabeessa, hundagaleessa, bu’aa qabeessa, gochaan kan deeggaramee fi tarsiimowaa ta’uu ibsaniiru.

Weerara Vaayirasii koroonaa Chaayinaa mudateef Ityoophiyaan waan dandeessu hundaan deeggarsa kan taasiftu ta’uu aadde Hiruut dubbataniiru.

Tatamsa’ina Vaayirasii kanaa ittisuuf Ityoophiyaan haala qajaalfama dhaabbanni fayyaa addunyaan kaa’een of eeggannoo barbaachisu taasisaa jiraachuus ibsaniiru.

Cheen Shiyaadoonag gama isaaniin Chaayinaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabduuf xiyyeeffannoon addaa laatti jedhaniiru.

Tatamsa’ina Vaayirasii Koroonaa ittisuuf sochii Ityoophiyaan taasisaa jirtu galateeffaniiru.

Mootummaan Chaayinaa dhibee Vaayirasii Koroonaa ittisuu fi to’achuuf sirna idila addunyaa diriirsuu fi to’achuufis humnaa fi murannoo kan qabu ta’uu Misteer Cheen ibsaniiru.

Hariiroo dippiiloomaasii Ityoophiyaa fi Chaayinaa waggaa 50ffaa kabajaa proojaktoota walitti hidhamiinsaan hojjetamaa jiran haala gaariin xumuruuf deeggarsaa fi hordoffii barbaachisu hunda kan taasisan ta’uu Misteer Cheen ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.