Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessaa fi Raabsa boba’aarratti rakkoon tokkooyyuu kan hin jirre ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 25, 2014 (FBC) – Dhiyeessaa fi Raabsa boba’aarratti hanqinni tokkooyyuu kan hin jirre ta’uu Dhaabbanni Dhiyeessa Boba’aa Ityoophiyaa beeksiise.
Olola sobaa boba’aan hin jiru jechuun Konkolaachiiftoonni boba’aa waraabbachuuf hiriirri taasiisaa jiran dhugaa jiru kan walfaallessu ta’uu Hojii Raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa obbo Taaddasaa Hayilamaariyaam Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Hanqinni jira jedhamu eessaa akka dhufe ifaa miti jedhan obbo Taaddasaan.
Dhaabbanni Dhiyeessa Boba’aa Ityoophiyaa yeroo isaa eegee boba’aa raabsaa jiraachuu kaasaniiru.
Akka fakkeenyatti Amajjii 19, 2014 giddu galeessaan boba’aan Liitirri miiliyoonni 2.7, guyyaa kaleessaa Liitirri miiliyoonni 3 gabaaf raabsamuu himaniiru.
Yaa ta’uutii Baatii Baatiin sirreeffamni gatii taasiifamu hordofee garaagarummaan gatii ni jiraata jechuun konkolaattoonni wayita Buufataalee boba’aatti hiriiraan ni muul’ata jedhan.
Yeroo dhiyoo as hammi dhiyeessa boba’aa dabalaa dhufuun ala hir’inni muul’ate kan hin jirre ta’uu himaniiru.
Hawaasni olola oliif gadi deemaa jiruun burjaaja’uu akka hin qabne dhaamaniiru.
Balaay Tasfaayeetu gabaae.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.