Fana: At a Speed of Life!

Suphaan sarara daddabarsa humna Elektirikaa olaanaan Garagaraa hanga Gaashannaa guyyoota 4 keessatti ni xumurama – Humna Elektirikii Ityoophiyaa

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC) – Suphaan sarara daddabarsa humna Elektirikaa Garagaraa hanga Gaashannaa guyyoota 4 keessatti akka xumuramu hirmaannaa olaanaan taasiifamaa jiraachuu Humni Elektirikii Ityoophiyaa beeksiise.
Sararoota daddabarsa humnaa kana dura miidhaman dabalataan iddoolee 5 irra miidhaan qaqqabuu Humna Elektirikii Ityoophiyaatti Biiroon Damee Kaaba Lixaa beeksiise.
Sararoota kanneen suphuuf hirmaannaa olaanaan taasiifamaa jiraachuu Daayreektarri damichaa obbo Wubat Abbee ibsaniiru.
Hojiin suphaa kun guyyoota itti aanaan 4 keessatti xumuramuun tajaajilaaf qophii akka ta’an hojjetamaa jiraachuu ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.