Fana: At a Speed of Life!

Israa’eelitti waltajjiin buna Ityoophiyaa beeksisuu gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Israa’eelitti waltajiin buna Ityoophiyaa beeksisuu gaggeeffameera.

Israa’eelitti ergama addaafi ambaasaaddarri guutuun FDRI Ambaasaaddar Rattaa Alamuu biyyoonnii lamaan hariiroo damee daladalarratti cimsuu qabu jedhaniiru.

Israa’eelitti bunni Ityoophiyaa akka beekkamuu fi gabaa bal’aa akka argatuuf hawaasaa daldalaa Israa’eel waliin hojjechuuf qophii akka qaban ibsaniiru.

Ministeera dhimma ala Israa’eelitti daayraketarri kutaa Kibbaa fi Bahaa Afrikaatti Ambaasaaddar Hiiheel Viilaan, hariiroo obbolummaa biyyoota lameenii dabalataan daldala wal jijjiiruu fi walin hojjeechuu akka danda’aan ibsaniiru.

Dameen daldalaa Israa’eel buna Ityoophiyaa beeksisuu fi hariiroo daldala cimsuun gahee guddaa akka qabatuuf motuummaan deeggarsaa ni taasisaa jedhameera.

Hojii gaggeessaan Mana mare daldalaa Afrika Israa’eel doktar Ayyalaa Wiitinaar, hawaasa daldalaa biyyoota lameen gidduutti hariiroo cimsuun buna Ityoophiyaa gara gaba Israa’eelitti dhiyyessuun akka danda’amuus dubbataniiru.

Waltajjicharratti Israa’eel buna Ityoophiyaarraa fidduu guddiisuuf daldaltoonni buna biyyoota lameenii walitti dhiyeenyaan hojjeechuu akka qaban himamuu ragaan Israa’eelitti imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muldhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.