Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee Qonnaa fi Indaastirii 60 ol gabaa alaaf dhiyeessuun galii guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Oomishaalee qonnaa fi Indaastirii 60 ol gabaa alaaf dhiyeessuun galii biyyaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Koomishiniin Invastimentii Ityoophiyaa beeksise.

Oomishaaleen qonnaa fi indaastirii gabaa Ameerikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa fi biyyoota Afrikaa garaagaraatti ergamaa jiraachuu koomishinichatti Daayreektarri Proojektiiwwan Qindessa Gabaa Alaa Saamu’eel Asaffaa ibsaniiru.

Uwwisa gabaa bal’isuuf hojjetamaa jiraachuu fi daldala alaa guddisuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.