Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ergaa baga geessanii bara haaraa dabarsaniiru.

Baga bara 2014 nagaan geessan jedhaniiru.

Bara haaraa kana wayita kabajnu qormaata biyyaalessaa murteessa keessatti taanee ta’uu ibsan.

Ityoophiyaan qormaataa fi abdii gidduu taatee bara haaraa kabajuun kan jalqabaa miti jedhan.

Tarii isa dhumaas hin ta’u jedhan.

Ityoophiyaanoonni Qormaataaf kan hin jilbiiffanne ta’uu addunyaan ni beekti jechuun ibsaniiru.

Qormaata carraatti jijjiiruuf ejjennoos dandeettis qaban jedhan.

Ityoophiyaan ijoollee qormaat booddetti, abdii fuulduratti, eenyummaa isaan kan boonu, eenyummaa naannoo isaa eenyummaa biyyaalessaa isaan wal simsiisuun waan haaraa uumuuf booddetti kan hin deebine, tulluu fi gaara bosonaa fi oomishaan uwwisuuf kan tattaafatu dhaloota haaraa uumaa jiru qabdi jechuun ibsan.

Barri 2014 bara hojjennee rakkoolee keenya hiiknu, nuti dubbannee, taatoo taanee duullee moo’annee, oomishnee beela moo’annee, dhimma keenya ofiii keenyaaf murteessinu ta’a jedhan.

Injifannoo fi badhaadhina biyya keenyaa barreessuuf qalamni nu’i jechuun ibsan.

Lammiileen waliif wayita yaadan qalamni injifannoo hiikaa qabu barreessa.

Ijoolleen biyya keenyaa gargarummaa isaanii dhiphisuun dhimma waloof waliin wayita dhaabbachuu danda’an Qalamichi injiffannoo boonsaa barreessa jedhan.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad barri haaraan bara milkii, injifannoo fi nagaa akka ta’u ummata Ityoophiyaa maraaf hawwaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.