Fana: At a Speed of Life!

Sirni badhaasaa tola oolaa waggaa gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 30, 2013 (FBC) –Sirni badhaasaa tola oolaa waggaa bakka Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee argamanitti gaggeeffameera.

Sirni badhaasaa tola oolaa waggaa kun yeroo 9ffaaf gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’uu, Preezdaant Saahilawarq dabalatee hirmaattoonni hedduun argamaniiru.

Namoota ummataa fi biyyaaf hojii fakkeenyummaa qaban hojjetaniif beekkamtii fi badhaasni laatameera.

Hoggantoota dhaabilee mootummaa, Qorannoo hambaalee fi hawaasummaan, Miidiyaa fi Gaazeexeessummaa fi Diyaaspooraawwan biyyaaf gumaacha olaanaa taasiisaniif beekkamtiin laatameera.

Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa dabalatee namoonni hedduun badhaasa kana argataniiru.

Sagantaan kun erga eegalamee hanga ammaatti dameewwan garaagaraan namoota 170f beekkamtiin laatamuu ibsameera.

Madri:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.