Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Burqaa Dhintuutti Hoggansi Aanaa fi Hojjattoonni Mootummaa mindaa ji’a 1 RIB deeggarsa taasisan

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhintuutti Hoggansi Aanaa fi Hojjattoota mootummaa aanichaa marii haala yeroo irratti guyyaa har’aa gaggeessaniin Raayyaa Ittisa Biyyaaf mindaa ji’a 1 laachuuf waadaa galaniiru.
Hoggansii fi Hojjattoonni mootummaa aanaa Burqaa Dhintuu aantummaa fi jaalala biyyaaf qaban deeggarsa Raayyaa Ittisaaf taasiisuun gochaan agarsiisuu Itti Gaafamaa Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootumma Godina Harargee Lixaa obbo Xahaa Ahimad ibsaniiru.
Deeggarsa taasiisaniif dinqisiifannaa fi galata olaannaa qabaachuu eeraniiru.
Muuxxannoon hoggansaa fi hojjattoota aanaa Burqaa Dhintuu kun iddoo hundatti babal’achuu akka qabu obbo Xahaan ibsaniiru.
Hojjattoonni mootummaa aanichaa marii kanarratti hirmaatanis Raayyaa Ittisaatti dabalamuun birmadummaa biyyaa kabachiisuuf qophii ta’uu eeraniiru.
Hoggansii fi Hojjattoonni mootummaa aanichaa leenjii waraanaa fudhachuun nageenya aanaa fi naannoo isaanii amansiisaa taasisuuf qophii ta’uu isaanii ragaan Waajjir Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.