Fana: At a Speed of Life!

Hidhattoonni Taalibaan magaala guddoo Afgaanistaan to’achuutti dhiyaatan jedhame

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Hidhattoonni Taalibaan magaala guddoo Afgaanistaan to’achuutti wayita dhiyaatan loltonni Ameerikaa dippiloomaatota baasuuf Kaabul galaa jiru jedhameera.
 
Qondaaltonni Ameerikaa akka himanitti loltoonni Ameerikaa kuma 3 ta’an hojjettoota Imbasii fi namoota nagaa hanga ta’e magaala guddoo biyyattii Kaabuul keessaa baasuuf achi galuu eegalaniiru.
 
Ameerikaaf michoonni ishee Taalibaan Hosaamaa Bin Ladeniin dhokseera jechuun bara 2001 Afgaanistaanitti duulanii Taalibaaniin aangoorraa kaasuu danda’aniis, waggoota 20 darbeef waraana riphee loltummaarra turan.
 
Humnoonni biyya alaa ammaa biyya san keessaa ba’uu hordofee hidhattoonni Taalibaan saffisa guddaan lafa hedduu to’achuun amma magaala guddoo biyyattii qabachuuf dhiyaataniiru.
Hanga Dilbata galgalaatti guutummaan guutuutti magaalattii kan dhuunfatan ta’uu dubbatameera.
 
Aanga’aan Ameerikaa tokko loltoonni Ameerikaa dippiloomaatota baasuuf Kaabul ga’uu Rooyitarsitti himaniiru.
 
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.