Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoo Iiraan Ameerikaadhan ajjeefaman

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) –Hoggantoonni olaanoo humna waraanaa fi paarlaamaa Iiraan xiyyaara waraanaa Ameerikaatin ajjeefamuun himame.
 
Hogganaan humna waraanaa Iiraan Jeneraal Qaasiim Suleemaanii fi itti aanaa hogannaa paarlaamaa biyyattii Hashaad Shaabii, akkasumas Abbuu Mahadii Al Muhaandiis buufata xiyyaaraa Iiraaq Baagdaaddiitti xiyyaara waraanaa Ameerikaatin ajjeefamuu dubbi himaan humna waraanaa Iiraaq himaniiru.
 
Haleellaan kun ajaja preezdaantii Ameerikaa Doonald Traampiin kan raawwatame ta’uun ibsameera.
 
Haleellaa raawwatameen yoo xiqqaate loltoonni 6 ajjeefamuun himameera.
 
Gochaa raawwatameef Ameerikaan itti gaafatamummaa fudhatteetti.
 
Ameerikaan namoonni kunneen hoggantoota shororkeessitootaa fi ajjeechaa loltoota Ameerikaa irratti raawwatame keessaa harka kan qabanidha jetteetti.
 
Iiraan garuu haleellaa raawwatame balaaleffatteetti.
 
Ta’iin kun hariiroo biyyoota lamanii caalmaatti kan hadheessu ta’uu fi qaamolee yakka kana raawwatan adabbii guddaan kan eeggatu ta’uu hogganaan olaanaa Iiraan Ayaatolaah Alii Haamiiniin ibsaniiru.
Jeneraal Qaasiim Suleemaan kan ajjeefaman buufata xiyyaaraa Iiraaq Bagdaad keessatti osoo konkolaataan imalaa jiranuu ta’uun ibsameera.
 
Sababuma kanaan Iiraan guyyaa sadiif guyyaa gaddaa labsiteetti.
 
Jeneraal Qaasiim Suleemaan dursaa adda bilisa baasaa Iraan(warraaqsa Iiraan) fi biyyattiitti nama iddoo olaanaa qaban turan.
 
Maddi:- BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.