Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspooran Ityoophiyaa dhiibbaa biyyattirratti baname ittisuuf hojjachaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2013 (FBC)- Ityoophiyaanoonnii fi michuwwan Ityoophiyaa kutaalee addunyaa garagaraa jiraatan dhiibbaa hin malle kan biyyattirratti baname ittisuuf carraaqqii taasisaa jiraachuu Ejensin Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksiseera.

Daayreektarri olaantuun Ejensichaa aadde Salaamawit Daawit hawaasni diyaaspooraa dhiibbaa hin mallee ittisuuf carraaqaa jira jedhan.

Mootummaan Naannoo Tigraayitti gareen kamiyyuu akka hin miidhamneef of eeggannoo barbaachisuu taasisaa deeggarsa namoomaa qaqqabsiisaa jiras jedhaniiru.

Dhugaan kana ta’ee osoo jiru dhaabbileen idil addunyaa tokko tokkoofi dhaabbileen sabqunnamtii odeeffannoo dhugaa addunyaaf dhiyeessaa hin jiran jedhaniiru.

Haaluma kanan ejansichi hawaasni idil addunyaa haala yeroo Ityoophiyaarratti odeeffannoo dhugaa akka qabaatuuf diyaaspooraa qindeessuun hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Abbootiin miidiyaa fi namoonni miidiyaatti dhiyaatan,miidiyaan diyaaspooraa fi Ityoophiyaanoota dhimmi isaan ilaallatu naannoo Tigraayi ilaalchisee odeeffannoo sobaa akka ittisaniif carraqqiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Hawaasni diyaaspooraa hiriira nagaa ba’uun cinaatti dhaabbilee idil addunyaa dhimmii ilaallatuufi mootummootaaf dhugaa akka hubataniif mallattoo walitti qabuun erguus himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.