Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Idil Addunyaa naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa laachuuf yeroo ammaa beeksiisuu qofaan gala jiru jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Dhaabbileen deeggartootaa Idil Addunyaa naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa laachuuf kana dura eeyyamaan galaa turan yeroo ammaa beeksiisuu qofaan galaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin har’a ibsa torbee laataniiru.
Naannoo Tigraayitti sarbama mirga namoomaa ilaalchisee hojiin qulqulleessuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qaamolee sarbama mirga namoomaa raawwatan seeraatti dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Naannichaatti deeggarsi namoomaa % 70 dhiyaachuu kaasaniiru.
Sarbama mirga namoomaa waliin walqabatee yaa’ii sarbama mirga namoomaa 46ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirrati Ityoophiyaan dhimmicharratti ga’ee ishee kan baatuu fi murannoo qabaachuu gama Ministeera Dhimma Alaatiin ibsi taasiifamuu  Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Yisimaaw Adaaraatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.