Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Zayita nyaataa guyyaatti liitira miiliyoona 1.5 oomishu Dalbata dhufu ni eebbifama

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC) – Godina Goojjama magaalaa Bureetti Warshaan Zayita nyaataa guyyaatti liitira miiliyoona 1.5 ol oomishu Dalbata dhufu ni eebbifama.
Warshichi oomisha isaa gabaa biyya keessaaf dhiyeessuuf qophii ta’uu ibsameera.
Lafa hektaara 30 irratti kan ijaarrame warshaan Zayita nyaataa kun warshaa Saliixa calaluu fi qindeessu of keesaa qabaachuu ibsameera.
Warshichi galteewwan oomisha Zayitichaaf barbaachisan hunda ofii isaan kan oomish ta’uu itti aanaa Hojii Raawwachiisaan Indaastiriyaalii Fabeellaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee obbo Daamxoo Simmaachaw ibsaniiru.
Ijaarsa warshichaaf birrii biiliyoonni 4.5 baasii ta’uu ibsaniiru.
Oomisha isaa gabaa biyya keessaaf dhiyeessun qaala’iinsa gabaa damichaan jiru hir’isuuf kan hojjetu ta’uu ibsameera.
Warshichi Saliixii fi oomisha biroorratti sona dabaluun gabaa alaaf dhiyeessuun sharafa biyya alaa argachuuf ni hojjeta jedhame.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.