Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalaa Hoolataatti miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa kenna tajaajila lammummaan namoota dadhaboo Ganda Tulluu Harbuuf oomisha isaanii duulaan sassaaban

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Hoolataatti miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa kenna tajaajila lammummaan namoota dadhaboo Ganda Tulluu Harbuuf oomisha isaanii duulaan sassaabaniiru.

Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa hojii sassaabbii oomishaa kanarratti hirmaatan tokko tokko yaada kennaniin, nuti birmadummaa biyyaa eeguu, olaantummaa heeraa fi seeraa kabachiisuun cinaatti hojiilee misoomaa adda addaa irratti hirmaachuun humnaa, qabeenyaa fi beekumsa keenyaan hawaasa naannoo gargaaraa turre, ammas gargaaraa jirra jedhaniiru.

Akka Wajjiiri dhimmoota kominikeeshinii bulchiinsa magaalaa Hoolataa beeksiseetti, Rayyaan ittisa biyyaa saba tokkoof kan dhaabbatu osoo hin taane lammiilee Ityoophiyaa hundaaf kan dhaabbatuu fi tajaajilaa jiru ta’uus ibsaniiru.

Garuu, osoo diina alaa biyya keenyarraa eegaa jirruu fi waan dandeenyuun uummata keenya gargaarruu haala hin yaadamneen gareen juntaa ABUT diinna keessa nutti ta’ee gocha sukksneessaa miseensota keenya Ajaja Kaabaa irratti raawwachuun baay’ee nu gaddisiiseera jedhan.

Gochi diigumsaa kun duubatti nun deebisu har’as borus ummata keenya bira dhaabbannee ni tajaajilla; ni gargaarra jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.