Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen amantaa gochaa manneen amantaa magaala mooxaa irratti raawwate  balaalleffatan

Finfinnee, Muddee 11, 2012 (FBC) – Manni maree dhimmoota Islaamummaa  Ityophiyaa fi manni amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa gochaa manneen amantaa Magaala mooxaa irratti raawwate balaalleeffan.

Naannoo Amaaraa Magaala Mooxaatti Masjiidaa fi mana amantaa kiristiiyaanaa irratti gocha raawwate ilaalchisee Manni Maree Islaamummaa Ityoophiyaa ibsa baaseen balaalleffateer.

Manni amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa ibsa baaseen miidhaa osoo hin yaaddamni ga’een hordoftoonni amantichaa, Mana Maree Islaamummaa Ityoophiyaa fi miseensota isaatti  gaddi guddaan dhaga’amuu isaa ibsee jira.

Gochaan kun aadaa waldanda’uu amantaalee fi duudhaa waliin jireenyaa ummattoota ityoophiyaa kan diigu waan ta’eef ummaanni bal’aan obsaa fi bifa tasgabbii qabuun dhimmicha furuuf akka hojjetan  waamicha dhiyeessaniiru.

Mootummaan dhimmichaaf xiyyeeffannoo olaanaa laachuun hordoffii barbaachisuu akka taasiisu ergaa dhaamaniiru.

Manni maree dhimmoota Islaamummaa  Ityophiyaa fi manni amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa mootummaa, qaamoolee haqaa fi qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun dhimmicha qulqulleessuuf kan hojjtan ta’uu beeksisaniiru.

Manni maree dhimmoota Islaamummaa  Ityophiyaa sababa odeeffannoo dogongoraan Masjiidootaa fi qabeenya irra miidhaan ga’uu isaa ifoomee jira.

Dhimma kana qaamni mootummaa, hoggantoonni amantaalee fi ummanni Ityoophiyaa balaalleffachuu akka qabu ibsa baaseen waamicha dhiyeessee jira.

Manni Marichaa qaamooleen gocha kana raawwattan seeraaf dhiyaachuu akka qaban gaafateera.

Mootummaan Naannoo Amaaraa dhaabbilee amantaa fi hordoftoota amantichaa Godinaalee, Aanaalee fi Gandoota naannichaa  keessatti argaman irratti  tarkaanfii fudhatamu  ittisuuf karaa loogii hin qabneen hojjechuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.

Manni Marichaa hordoftoonni amantaa musiliimaa tokkummaa isaa eeguun kallattii hoggantootni amantichaa kennaaniin socho’uu akka qaban ergaa dabarsee jira.

Hawaasni musilimaa miidhaa irra ga’u balaaleeffachuun Masjiidoota biyyatti keessa jiran hunda keessatti guyyaa guyyaan kadhannaa akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.