Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Labsii haaraa hojiirra oolchuufi

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (FBC)- Hojiin misooma Sululaa nannoo Oromiyaa abbummaan akka hojjetamuuf labsii haaraa hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise.

Dhimmicharratti Ministeera Qonnaa waliin ta’uun, ogeessota qonnaa Godinaalee Oromiyaaf leenjiin Adaamaatti kennamaa jira.

Mata dureen leenjii kanas,CALM(climate action through land scape management) jijjiirama qilleensaa bu’aa irratti hundaa’u fiduuf hojjechuu ta’uun himameera.

Hogganaa Itti aanaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Umamaa Oromiyaa, Obbo Indalkaachoo Tafarii, kaayyoon leenjii kanaa misooma sulula bifa saayinsawaa ta’een misooma isaa hojiirra oolchuu ta’uun hojjetama jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaan kun sulula nannoo Oromiyaa baajata qabameen akka misomsuu ragaan waajjira Dhimmota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.