Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa gareen ABUT bu’aa siyaasaa argachuuf jecha qaqqabsiisuu danda’u ummanni Tigraay of eeggachuu qaba – PDT

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (FBC) –Ummanni Tigraay miidhaa gareen ABUT bu’aa siyaasaa argachuuf jecha qaqqabsiisuu danda’u of eeggannoo cimaa taasiisuu akka qabu Paartiin Demookraatawaa Tigraay ibse.
 
Gareen badii ABUT bu’aa siyaasaa argachuuf jecha ummata naannichaarratti miidhaa qaqqabsiisuu akka danda’u itti gaafatamaan Koominiikeeshinii Paartii Demookraatawaa Tigraay obbo Muluubirihaan Hayileen ibsaniiru.
 
Gareen kun jalqabaa eegalee shiraan kan guuttame, jaalleewwan qabsoo fi deeggartoota isaarratti tarkaanfii fudhachuun kan beekkamu ta’uu ibsaniiru.
 
Gareen kun yeroo ammaa injifatamaa waan jiruuf carraa argateen miidhaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf ummanni naannichaa of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu himaniiru.
 
Gareen badii kun dhaabbilee amantaa, iddoolee seenaa qabeessaa fi bakka ummanni itti heddumatuutti miidhaa qaqqabsiisuu waan maluuf hawaasni dammaqinaan of eeggachuu akka qabu obbo Muluubirihaan eeraniiru.
 
Gareen badii fi gantuun kun haleellaan raayyaa ittisa biyyaarratti raawwate akeektuudha jedhan.
 
Mootummaan nageenya ummataa eeguuf jecha meeshaalee waraanaa gareen kun kuufate barbadeessuun isaa waan gaarii ta’uu kan eeran obbo Muluubirihaan, badii biroo ummatarratti akka hin qaqqabsiifne of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha jedhan.
 
Gareen kun wayita aangorra turees ummataaf osoo hin taane faayidaa dhuunfaa isaa qofaaf hojjetaa kan tureedha jedhaniiru.
 
Mootummaan Ityoophiyaa garee kan barbadeessuun ala kaayyoo ummata Tigraay miidhuu fi haleeluu akka hin qabne ummanni naannichaa hubachuu qaba jedhan.
 
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.