Fana: At a Speed of Life!

2030tti uwwisa bishaan dhugaatii guutuummaatti waliin gahuuf hojjetamaa jira-Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Adoolessa 4, 2016 (FBC) –Bara 2030tti tajaajila uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu guutuummaatti waliin gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaan ibsan.
Ministeerri Bishaanii fi Inarjii qaamolee tumsitoota waliin ta’uun waltajjii marii dhiyeessii fi waliin gahiinsa bishaan dhugaatiirratti xiyyeeffate gaggeesssaa jiraachuu eerame.
Waltajjichi mata duree “ Qormaatilee keessatti cichoomuu “ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti Hoggantoonni Olaanoo Mootummaa Fedeeraala fi Naannoo, Dhaabbiileen Misooma Mootummaa ,Tumsitoonni Misoomaa fi Waldaaleen Sivilii garaagaraa argamaniiru.
Gohii Nigusutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.