Fana: At a Speed of Life!

2014 daldala alaa indaastirii maanufaachariingiirraa galiin Doolaara miiliyoona 500 argame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Bara baajataa 2014 daldala alaa indaastirii manufaakchariingiirraa galiin Doolaara miiliyoona 500 argamuu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Ministeerri indaastirii fi mana maree seektaraalee waliin ta’uun damecha guddisuuf mari’achaa jira.

Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allibal, galiin kun kan bara darbeen yeroo madaalamu Doolaara miiliyoona 100 caalmaa qabaachuu ibsan.

Dameen indaastirii rakkoolee garaagaraa kan qabu yoo ta’u, dhiyeessii galtee, sharafa alaa, rakkoolee hojmaataa fi hanqina hubannoo ta’uu kaasuun, rakkoolee kanneen furuufis walta’iinsaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Gama biraatiin, damechi caalmaan akka hinguddanne imaammatoota gufuu ta’an furuun akka danda’ame ibsaniiru.

Qiddisti Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.