Fana: At a Speed of Life!

190 keessaa 85 jiraattoota kutaa bulchiinsa Booleeti

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoota guyyaa har’aa vaayrasii koroonaan qabaman 190 keessaa 85 jiraattoota kutaa bulchiinsa Boolee ta’uu Biiroon Fayyaa magaalichaa beeksise.

Namoonni 7 ammoo lubbuun darbaniiru.

Namoonni hundi seenaa imala alaa hin qaban.

Namoonni 14 tuttuqaa qabu.

Namoonni 176 tuttuqaa hin qaban.

Namoota 190 keessaa 85 Boolee, 22, Kolfee Qaraaniyoo, 22 Qiirqoos, 16 Araadaa, 13 Nifaas Silk Laaftoo, 10 Liddataa, 7 Eekkaa, 6 Addis Katamaa, 5 Gullallee, 2 Aqaaqii Qaallittii yoo ta’an teessoon namoota 2 qulqullaa’aa jiraachuu biirichi beeksiseera.

Magaalichaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 2136 ga’eera.

Sa’aa 24 darbe keessatti namoonni 16 dandamataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.