Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad har’a Mana Marichaaf ibsaa fi deebii ni kennu
Finfinnee, Bitootesaa 11, 2017(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad har’a Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ibsaa fi deebii akka kennan beekameera.
Dooktar Abiyyi raawwii karoora Mootummaa Federaalaa bara baajetaa 2017 ka’umsa godhachuun yaadaa fi gaaffilee miseensotarraa dhiyaataniif deebii fi ibsa kan kennan ta’uu ragaan Mana Marichaa irraa argame ni mul’isa.