Fana: At a Speed of Life!

Mul’atni keenya badhaadhinaan kan hogganamudha-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Sadaasa 1, 2017 (FBC)- Mul’atni keenya badhaadhinaan kan hogganamuudha jedhan Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah.

Obbo Adam Faaraah gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Itiyoophiyaa fi ummanni ishee gara badhaadhina hundagaleessatti ceesisuuf kan kaayyeffate imalli jijjiiramaa erga eegalamee waggoota 6 ce’uun, Paartiin Badhaadhinaa erga hundeeffamees waggaa 5 lakkoofsisuun bu’aa fi injifannoo guguddaan dabalamee har’a ga’eerra jedhan.

Qormaata irra aanuun, golgaawwan saaquun, danqaawwan buqqisuunii fi injifannoowwan galma waan ga’an hinfakkaanne milkeesuun, waqtiiwwan ulfaatoo fakkaataan ce’uuf humna kan horannee mul’annii keenyaa badhaadhinaan kan hogganame waan ta’eefi jechuun ibsaniiru.

Imala mul’ata badhaadhinaan hogganame dhugoomsuu keessatti injifannoowwan diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa qabatamaan milkeessuun, Hidha Haaromsaa bu’a qabeessaa taasisuun, fedhii qamadii biyya keessaa guutuu bira darbuun biyya alaatti erguu fi diinagdee damee hedduu qormaataan hinraafamne ijaaruun Itiyoophiyaa ceesisuurratti argamna jedhan.

Xiyyoota darbataman fashaleessuun, kufaatii keenyaaf himatawwan banaman abshaalummaan irraa aanuun, haleellaawwan aggamaman qolachuun eenyummaa Itiyoophiyummaa jabaa yaadama badhaadhinaa ijaaraa jiraachuu akeekan.

Koyishaa ijaaruun, Gorgoraa bareechuun, Cabaraa Curcuras hundeessuun, bareedina Wancii mul’isuun, Finfinnee akka maqaa isheetti bocuun, imalli mul’ata badhadhinaan hoogganamu addaan hincitne har’as miidhagina Haroo Basaqaa daran mul’isuuf dhufeera jedhan.

Ijaarsi “Mandara Beenuunaa” fageenya dhiyoo Paarkii Biyyaalessaa Awaashitti argamu imala badhaadhinaan hoogganamuuf ragaa dabalataa ta’uun xumuramuu eeruun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.