Kurmaana jalqabaatti Barattoota miiliyoona 3 oliif nyaanni dhiyaachaa jira-Buusaa Gonofaa Oromiyaa
Finfinnee, Onkololeessa 22, 2017 (FBC) – Kurmaana jalqabaatti Barattoota miiliyoona 3 oliif nyaanni dhiyaachaa jiraachuu Buusaa Gonofaan Oromiyaa beeksise.
Dhaabbatichi Bara baajata 2017 tti Barattootaa fi Barsiitoota miiliyoona 9.4 ‘f nyaataa dhiyeessuuf gumaataa walitti qabaa jiraachuu Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Mogas Ida’een Faanaa Biroodkastingi Koorporeetiif ibsaniiru.
Dhaabbatichi bara baajata 2017 tti galii Birrii biiliyoona 21 ol walitti qabuuf karoorfachuus himaniiru.
Miseensoota isaarraa galii birrii Biiliyoona 3 walitti qabuuf karooraftee, Kurmaana jalqabaatti galii Birrii miiliyoona 300 ol walitti qabeera.
lakkoofsa miseensa isaa miiliyoona 30 qaqqabsisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Obbo Mogas Ida’een ibsaniiru.
Baatiwwan sadan darbanis miseensoota miiliyoona 1.5 horachuu danda’amuu kaasaniiru.
Gumaataan yookiin kennaa ummataan immoo Birrii biiliyoona 3 ol walitti qabuuf karoorfamee, hanga kurmaana kanaatti Birriin miiliyoonni 139 ol walitti qabamuu kaasaniiru.
Kurmaana 2ffaatti karoora qabame guutuumman guutuutti hojiiraa oolchuuf kan hojjetamu ta’uu Obbo mogas akeekaniiru.
Nyaataa barattootaaf midhaan kuntaala miiliyoona 3 walitti qabuuf karoorfamee hanga ammaatti midhaan kuntaalli kumni 221 ol walitti qabamuu ibsaniiru.
lafti heektarri kumni 4 ol qotamuus eeraniiru.
Hojii ittisa Sodaa balaan hojjetameen naannawaa balaan namtolchee fi umaama itti mudateetti qaamoolee tumsitootaa waliin deebiin hatattamaa kennamuu himaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase