Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Hagayya 8, 2016 (FBC) – Guyyaa har’aa qofa dhaabbileen haqa malee gatii dabalan kumni 4 fi 408 saamsamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiseera.

Dhaabbileen daldalaa oomisha dhoksan 31 cufamuu fi eeyyamni daldalaa dhaabbilee 3 addaan cituu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsaniiru.

Daldaalttonni 6 hidhamuu himaniiru.

Guyyaa har’aa dhaabbile hanga ammaatti cufamanii turan kumni 22 fi 717 waliigaltee mallatteessuun banamaniru.

Akkasumaas, daldaltoonni 704 to’annoo jala oolan keessa daldaltoonni 190 gadi lakkifamuu dubbataniiru.

Hoji hordoffii fi to’annoo meeshaalee ijaarsaa irrati taasifamu itti fufuun dhaabbile seeraan ala gatii dabalan 21 kan simintoo, 7 kan sibiilaa, 10 kan qorqqorro 3 fi 2 kan seraamikii saamsamuu Dooktar Kaasahuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.