Fana: At a Speed of Life!

Mormiin Jalqabaa Obbo Taayyeen himannaa irratti dhiyaateef dhiyeessan kufaa ta’e

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Mormiin sadarkaa Jalqabaa Ministir Deetaan duraanii Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan himannaa irratti dhiyaateef dhiyeessan kufaa ta’eera.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi ramaddii 1ffaa Liddataa dhimmoota yakka heera mootummaa fi sirna heera mootummaa mormii himannaa isaanii fi yaada Abbaa Alangaa qorachuun mormicha kuffiseera.
Dhaddachichi oolmaa isaa har’aan gaaffii Obbo Taayyeen himanni irratti dhiyaate akka fooyya’uuf mormiin sadarkaa jalqabaa dhiyyeessan bu’uura seeraa hin qabu jechuun kuffiseera.
Obbo Taayyeen barreeffamniin barreesse ololaa miti, yakkas hin raawwanne jechuun mormuu isaanii ibsameera.
Dhibee Alaarjii waanan qabuuf Kaateen harka kootti akka hin kaawwamne naaf haa ajajamu jechuun gaafataniiru.
Abbaan Alangaa Ministir Deetaa jechuun kan isaani yaaman, ‘ ani Miseensa Caffee Oromiyaa fi Koree Giddu Galeessaa Paartii Badhaadhinaa waanaan ta’eef haala kanaan akka naaf sirreeffamu’ jechuun gaafataniiru.
Abbaan Alangaas, Obbo Taayyeen yakka raawwatan waakkachuun falmaa jiru waan ta’eef ragaan naaf haa dhaggeeffatamu jechuun gaafateera.
Manni Murtiis iyyannoo isaaf ajaja kan kennu ta’uu ibseera.
Akkasumas ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuuf Caamsaa 29, 2016tti beellameera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.