Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa Indaastirii Maanufaakchariingii akka toora xiyyeeffannoo tokkootti adda baasee socha’uun isaa milkaa’ina sosochichaatiif humna guddaa ta’aa jira – Pir.Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 6, 2016 (FBC) – Naannoon Oromiyaa Indaastirii Maanufaakchariingii akka toora xiyyeeffannoo tokkootti adda baasee socha’uun isaa milkaa’ina sosochichaatiif humna guddaa ta’aa jira jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis sosochii Itiyoophiyaa haa oomishtuu akka naannoo Oromiyaatti jiru ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Yaadamaafi kaka’umsa “Itiyoophiyaan Haa Omishtu” jedhu, Looreetii Nagaa Adunyaa, MM keenya Abiyyi Ahimad (PhD) erga burqisiisanii as, sosochiin Indastirii Maanufaakchariingii akka biyyaatti jalqabame hedduu jajjabeessodha.
Naannoon keenyas Indastirii Maanufaakchariingii akka toora xiyyeeffannoo tokkootti qabachuufi dilbiifi carraawwan gama kanaan jiran adda baasee socha’uun isaa milkaa’ina sosochichaatiif humna guddaa ta’aa jira.
Sochiin Invastimantii Maanufaakchariingi Indastirii naannoo keenyaa tarsiima’aafi galma ifa kan qabuudha.
Asirratti hundaa’uun, carraa hojii bal’dhaa umuu, al-ergii (sharafa alaa) dabaluu, al-galtee biyya keessatti omishuun bakka buusuu (import substitution), Invaastimantii Kallattii Hambaa (FDI) baay’inaan hawwachuu, akkasumas omishtoota biyya keessaa jajjaabeessuu irratti hojii bal’dhaan hojjetamaa jira; bu’aawwan onnachiisonis galmaa’aniiru.
Bu’aawwan gurguddoo bara kana sosochii kanaan akka naannotti argaman muraasa yemmuu ilaallu: waltajjii marii adda addaa gaggeessuun qindoomina qooda fudhattoota indastirii maanufaakchariingii cimsuun danda’ameera; hudhaaleen akka rakkoo faayinaansii, bu’uuraalee misoomaa, galteewwan ijaarsaafi omishaa daran hir’dhisuun danda’ameera.
Bu’uuruma kanaan, indastriiwwan hedduun dammaqinaan gara omishaatti deebi’aniiru. Adeemsa milkaa’inaa kanaan, hundaa ol, oomishtummaan indastirii maanufaakchariingii hedduu guddate, al-ergiifi omisha al-galtee biyya keessatti bakka bu’u dabaluun danda’ameera.
Gama biraatiin, lammiilee hedduuf carraa hojii bal’dhaa kan umame yoota’u, hubannoon sektaricha irra jirus daran fooyya’eera. Kunis, gahee Indastirii Maanufaakchariingii Omisha Dimshaasha Biyya Keessaa (GDP) keessatti qabu akka dabalu dandeessiseera.
Kana yoojennu, imala sektarichaa ariitii barbaadamu irraa geenye jechuu miti. Kanaaf, yeroo dhufuttis, sosochii “Itiyoophiyaan Haa Omishtu” jedhu kana caalatti fayyadamuun hudhaalee Indastiriiwwan Maanufaakchariingii hojiirra jiranii osoo hinfuramin hafan adda baasuun kan furru, akkasumas, invastimentii haaraaf haala mijataa umuu irratti kan hojjennu ta’a.
#Itiyoophiyaan Haa Oomistu
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.