Fana: At a Speed of Life!

Haleellaan Koorniyaa fi barmaatileen miidhaa qaqqabsiisan babal’achaa dhufuu akeekame

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC) – Haleellaan Koorniyaa fi barmaatileen miidhaa qaqqabsiisan babal’achaa dhufuu akeekameera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii idilee 22ffaa bara 3ffaa har’a gaggeesseen gabaasa raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa dhaggeeffateera.
Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen gabaasa raawwii mana hojjichaa baatiwwan salgan darbanii mana marichaaf dhiyeessaniiru.
Itiyoophiyaatti gochaawwan barmaatilee duubatti hafoon dubartootaa fi daa’immani miidhaan dabalaa dhufuu miseenseonni mana marichaa eeraniiru.
Kittaannaa, umrii malee heerumsiisuu, yakka Guddeeddii dabalatee barmaatileen miidhaa qaqqabsiisan dabalaa jiru ittisuuf seera amma jiru fooyyeessuun murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Baatiwwan salgan darban keessa lammiilee daandirra jiraachuuf dirqaman kuma 90 ol daandirraa kaasuun jireenya isaanii fooyyeessuun dandameera jedhame.
Daa’immaan kuma 11 ol daadnirraa kaasuun deeggarsa xinsammuu akka argatan taasiifamuus gabaasichaan eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.