Yaa’iin Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveshinii Afrikaa 6ffaan Finfinneetti taa’amuu eegale
Finfinnee, Ebla 13, 2016 (FBC) – Yaa’iin Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveshinii Afrikaa 6ffaan Finfinneetti taa’amuu eegaleera.
Yaa’ichi guyyaa lamaaf kan turu yoo ta’u, hoggantoonni, bakka buutoonni dhaabbilee adda addaa fi ogeeyyiin damichaa irratti hirmaachaa jiru jedhame.
Itiyoophiyaan damee qonnaa amnayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf itti fayyadama Teeknooloijii fooyyeessuu akka qabdu Ministirri Ministeera Innoiveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsaniiru.
Biyyattiin karoora sirna nyaataa qopheessuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf jijjiirama qabeenya qilleensarratti xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu himaniiru.
Yeroo dhiyoo as imaammata Saayinsii fi Teeknooloojii fooyyessuun hojiilee kalaqa caalmatti babal’isuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia