Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Komishinii Ministiroota Waloo Itiyoo-Keeniyaa gaggeeffamaa jira.

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC)- Walga’iin Komishinii Ministiroota Waloo Itiyoo-Keeniyaa 36ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
 
Daayrtektarri Jeneraalaa Dhimmoota Afrikaa Ministeeraa Dhimma Alaa Amabaasaaddar Fissahaa Shaawul, Komishinichi dhimmoota gamlamee fi naannawaa biyyoota lameenii furuuf gumaacha olaanaa taasisuu dubbataniiru.
 
Kana malees hariiroo siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa biyyoota lameenii sadarkaa caalutti ceesisuuf gahee olaanaa bahachuu kaasan.
 
Rakkoolee naannawaa daangaa biyyoota lameeniitti mul’atan furuufis komishinichi hojiilee bal’aa hojjechuu akka qabu eerameera.
 
Dursaan Garee Jila Keeniyaa Mo’ii Liimooshiiraa gama isaaniin, komishiniin waloo ministirootaa hariiroo baroota dheeraa biyyoota lameenii gama cimsuutiin gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
 
Walga’iin komiishinichaa dhimmoota waloo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaarratti har’a dabalatee guyyoottan sadan ittaananiif kan mari’atu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.