Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Tumsa Misoomaa Beeljiyeem waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Tumsa Misoomaa Beeljiyeem Kaarooliin Jeeneez waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota waloorratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Hariiroon biyyoota lamaanii dhimmoota misoomaa, barnootaa, Fayyaa fi humna namaa caalmaatti cimuu akka qabu marii isaanii kaasaniiru jedhame.

Itiyoophiyaan maree biyyaalessaa, Ce’umsa haqaa fi waliigaltee Piriitooriyaa hojiitti hiikuuf murannoo qabaachuu Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Nageenya waloo fi tumsa diinagdee naannawaa mirkaneessuuf Itiyoophiyaan hojjechaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.

Kaarooliin Jeeneeziin gama isaaniin, Beeljiyeem deeggarsa namoomaa Itiyoophiyaaf kan taasiftu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.