Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti haala mijaawaa qonnaaf jiru carraatti jijjiiruun barbaachisaadha-BQO

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC)- Godinni Booranaa hojiilee qonnaatiif lafa misoomuu danda’uu fi haala mijaawaa jiru carraatti jijjiiruun fayyadamummaa horsiisee bultoota mirkaneessuuf hojjetamuu akka qabu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Jilli Hogganaa Ittaanaan Biiroo Qonnaa Obbo Bariisoo Fayyisaan durfamu hojiiwwan misoomaa qonnaa godina Booranaatti hojjetamaa jiranii fi carraalee misooma qonnaa jiran daawwateera.

Daawwannicharrattis hooggansii fi ogeessi qonnaa godinichaa cimanii hojjechuun hawaasa gargaarsa jalaa baasuun karoora badhaadhina maatii qabame milkeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Godinni Booranaa lafa misoomuu fi biyyoo gabbataa bal’aa waan qabuuf ogummaan deeggaruun yeroodhaan qophii lafaa gaggeessuu, calla guddistuuwwan barbaachisan adda baasuun hojjetamuu akka qabuu eeraniiru.

Biiroon Qonnaa Oromiyaas jiruu fi jireenya Horsiisee bultoota Booranaa jijjiiruuf gama hundaan deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu Obbo Bariisoon himuu ragaan biiricharra argame ni mul’isa.

Hoggansii fi ogeeyyiin qonnaa godinichaa humna oomishaa jiru qorachuun gara hojiitti galchuuf kutannoo fi xiiqiidhaan kan hojjetan ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.