Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa, Magaalaa Shaggar fi Itiyoo Teelekoom waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Bulchiinsi Magaalaa Shaggarii fi Itiyoo-Teelekoom waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltichas Sadarkaa Itti Aanaa Pireezadaantiitti Hoggantuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa, Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa fi Hoji Raawwachiistuu Olaantuu Itiyoo Teelekoom Firehiiwoot Taammiruun mallatteessaniiru.

Bu’uura waliigaltichaatiin hojimaata dijitaalawaa tajaajila si’ataa, ammayyaa’aa fi qulqullina qabu diriirsuun kenna tajaajilaa saffisiisuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin kan hojjetamu ta’uun ibsameera.

Akkasumaas Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti hojimaata dijitaalawaa fi ‘Ismaarti Sitii’ hojjiirra oolchuuf kan kaayyeffate ta’uun himameera.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.