Fana: At a Speed of Life!

Turistoota naannoo Oromiyaa daawwatanirraa galiin Birrii biiliyoona 19’tti siqu argamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Kurmaana 1ffaa darbe keessa Turistoota naannoo Oromiyaa daawwatanirraa galiin Birriin biiliyoona 19’tti siqu argamuu Komishiniin Turuzimii Oromiyaa beeksiise.

Naannoo Oromiyaatti iddoowwan hawwata turizimii uumamaafi namtolchee naannichi qabu beeksisuun lammiileef carraa hojii uumuufi madda galii gochuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Kurmaana 1ffaa darbe keessa turistoonni biyya keessaaafi idil-Addunyaa miiliyoonni 6 fi kuma 273 ol iddoolee hawwata turizimii naannichaa daawwachuu, Itti Aanaan Komishinara Komishinii Turizimii Oromiyaa Gargaaraan Piroofeesaraa Daraaraa Katamaa himaniiru.

Galiin Birriin biiliyoonni 18 fi miiliyoona 941 ol argamuu eeraniiru.

Tursitoonni biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa, Eeshiyaa, Arabaafi Afriikaa hedduuminaan Oromiyaa daawwachuu isaanii ibsuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.