Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan deeggarsa waraanaa Doolaara miiliyoona 345 Taayiwaaniif taasiste

Finfinnee, Adoolessa 22, 2015 (FBC) –Ameerikaan deeggarsa waraanaa Doolaara miiliyoona 345 Taayiwaaniif taasisuu ibsameera.

Deeggarsichi Taayiwaan qocholoo qaama kamiinuu irratti yaalamu qolachuuf tattaaffii taasiiftu kan cimsu ta’uu eerameera.

Deeggarsi biyyattiin taasiifte meeshaalee qolannaa Humna Qiilleensaa, Misaa’elaa, leenjii waraanaa fi kanneen biroo kan of keessatti hammatu ta’uu eerameera.

Ministeerri Raayyaa Ittisaa Taayiwaan biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf deeggarsi Ameerikaan taasiifte kan dinqisiifamu ta’uu ibseera.

Ameerikaatti Dubbii Himaan Embaasii Chaayinaa Liiyuu Peengiyyuun gama isaaniin, Ameerikaan deeggarsa waraanaa Taayiwaaniif taasiiftu hatattamaan akka dhaabdu hubachiisuu Al Jaziiraan gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.